Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Kilaastara omishaa fi hambaa omisha qonnaa akka galteetti fayyadamuun kan omishu Indaastiriin Qonnaa toora lamaan, galma tokko jajjabeessa jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan.
Indastiraalaayizeeshiniin misooma dinagdee biyyaaf qooda murteessaa qabaachuu kan ibsan Pireezidaanti Shimallis mootummaan Naannoo Oromiyaa, misooma qonnaa bu’uura misooma dinagdee taasisuun ciminaan hojechaa jiraachuu himaniiru.
Ta’us, dinagdeen qonna qofa irratti hundaa’e misooma ariifataa fi itti fufiinsa qabu dhugoomsuu waan hindandeenyeef, qonnaa fi industirii walitti hidhuun barbaachisaadha jedhan.
Bu’uuruma kanaan seektara Indastirii Maanufaakchariingii keessaa Industiriin Qonnaairratti xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru kaasuun damichi kilaastara omishaa fi hambaa omisha qonnaa akka galteetti fayyadamuun kan omishu ta’uun toora lamaan, galma tokko kan jajjabeessuu ta’uu dubbataniiru.
Dilbii dhokataa Naannoon Oromiyaa seektarichaan qabu beeksisuun invastimantii harkisuu, invastimantii fi indastirii kanaan dura jiran babal’isuu, akkasumas, bu’aa qabeessummaa invastimantii mirkaneessuun omishaa fi tajaajila dabaluuf sochii bal’aan taasifamaa jiraachuu Obbo Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaaniin eeraniiru.
Sochiilee muraasa kanneeniin bu’aan argamaa jiru abdii kan namatti horu ta’us, hojiilee bal’aan fuulduratti hojjetamuu qaban akka jiran hubachiisaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.