Finfinnee, Hagayya 2, 2012 (FBC) – Indiyaatti xiyyaarri Booying 737 kufee lamatti cabe namootni 18 lubbuun darban.
Xiyyaarrii Daandii Xiyyaaraa ‘Air India Express’ jedhamuu namoota 190 fe’ee ture Kibba biyyattii kutaa biyyaa Keraalaatti erga kufe booda yoo xiqqaate namootni 18 lubbuun darbu, anga’oonni biyyattii himaniiru.
Xiyyaarri Booying 737 gara Dubaay imalaa ture buufata xiyyaraa Kalikaatitti kufee bakka lamatti cabuu isaa anga’oonni daandii qilleensichaa himan.
Balaliin kun lammilee Indiyaa sababa vaayrasii koroonaan biyyaa biraatti ugguraman gara biyyaatti deebisaa ture.
Muummeen Ministira Indiyaa Nareendiraa Moodii balaa xiyyaaraa kanaan gadduu ibsaniiru.
Namootni hedduun kan miidhaman yoo ta’u, 156 irra miidhaan cimaa ga’era jedhan qondaalli olaanaa poolisi.
Akka daandiin xiyyaaraa ‘Air India Express’ jedhutti namoota lubbuun darbee keessaa balaliistoonni lamaan ni argamu.
Balaliin IX 1134, daa’immaan kudhan dabalatee imaltoota 184 fi hojjatoota xiyyaara jaha qabatee ture.
Xiyyaarri kun kan kufe akka sa’aatii biyattiitti Jimaata galgala 1:40 irratti yemmuu yeroo lammataaf Buufata Xiyyaaraa Kalikat qubachuuf yaalettidha.
Yaalii jalqabaa irratti balaliistonni bu’uu kan dhisaniif sababa roobni cimaa tureefi.
Ministeerri daandii qilleensaa Hardeep Siing Purii akka jedhutti sababa roobaan xiyyarrichii bakka buufaturra darbee deeme gara meetira 10 erga furguggifame booda bakka lamatti cabeera.
Maddi:- BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.