Indiyaan yeroo jalqabaaf bantii kibbaa Addeessaarra qubachuun seenaa hojjette

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC) – Seenaa imala Addeessaa keessatti yeroo jalqabaaf naannawaa bantii kibbaa Addessaarra qubachuun Indiyaan biyya ishee jalqabaa taateerti.

Biyyoota kana dura Addeessarra suuta qubachuu danda’an – US, Soviyeet Yuniyeen duraaniifi Chaayinaatti makamuun Indiyaan biyya 4ffaa taateetti.

Xiyyaarri hawaa Chandrayaan-3 jedhamu milkaa’inan akka karoorfametti kan Adeessarra qubate akka sa’aatii biyyattiitti Roobii waaree booda sa’aatii 12:04 irrattidha.

Biyyattii guututti gammachuu kan ture yoo ta’u, Ministirri Muummee Indiyaa Naarendra Modii “Indiyaan amma Addeessarra jirti,” jedhaniiru.

“Bakka biyyi biraa kamuu ga’uu hin dandeenye geenyeerra. kun yeroo gammachuudha,” jedhan.

Moodiin taatee kana kallaattin kan daawwate, Afrikaa Kibbaa bakka itti marii BRICS irratti hirmaachaa jiran irraa ture.

Hoogganaan Dhabbata Qorannoo Hawaa Indiyaa (Isro), Sireedharaa Panikeer Somanaat, Addeessarra qubachuun milkaa’uun, “hojii keenya qofa miti, bu’aa hojii saayintistoota Isroo dhaloota adda addaadha,” jedheera.

Milkaa’inni Indiyaa kan dhufe erga xiyyaarri hawaa Raashiyaa Luna- 25 jedhamu bakka wal fakkaataa qubachuuf yemmuu yaalutti kufee Addeessarratti caccabee guyyootii muraasaan boodadha.

Balaan xiyyaara hawaa Raashiyaa qunname kun, bantii kibbaa Addeessarra qubachuun hangam akka cimaa ta’e agarsiiseera.

Bara 2019 irratti imala Addeessaarra suuta qubachuu lammataa isheen Indiyaanis hin milkaa’in haftee turte.

Imala milkaa’aa ammaa irratti Rooveriin (konkolaataa xiqqoo) goommaa ja’a qabu, dirree Addeessarra asiif achi deemuun odeeffannoo barbaachisoo ta’aniifi suuraa sassaabuun deebise as gara dachee keenyatti akka erguuf sochii eegaluu BBCn gabaaseera.

Bara 2035tti kubbaa miilaa Addeessarratti taphachuun kan danda’amu ta’uu Saayintistoonni ibsanii turuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment