Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)- Indaastiriiwwan Maanufaakchariingii carraa gabaa alaatti fayyadamuun kara qindaa’aa ta’een hojjechuu akka qaban Ministeerri Indaastirii ibse.
Ministeerichi Abbootii qabeenyaa fi hoggantootaa Indaastirii Huccuuwwanii waliin oomishaalee alergirratti marii gaggeesseera.
Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal,Indaastiriiwwan maanufaakchariingii carraa gabaa alaa jiranitti fayyadamuun haala qindoomina qabuun hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Dabalataniis Indaastiriwwan maanufaakchariingii dhaabbiilee alaa oomishaalee bituu danda’an gara biyyaatti affeeruun haala gabaa mijataa jiru akka hubataniif hojjechunis barbachiisaa ta’uu ibsuu ragaan Ministeerichaarra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.