Indaastiriiwwan oomishaaf deeggarsaa faayinaansii taasisuun oomishtummaa guddisuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Guraandhala 15, 2015 (FBC)- Indaastiriiwwan oomishaaf deeggarsa faayinaansii taasisuun oomishtummaa guddisuun barbaachisaa ta’uu Ministeerri Indaastirii ibse.

Ministeerichi, waltajjii marii deeggarsa faayinaansii dhaabbilee indaastirii oomishaarratti bobba’aniif taasisuurratti xiyyeeffate gaggeesseera.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Malaakuu Allalibal, qaala’iinsa jireenyaa mul’atu tasgabbeessuuf indaastiriiwwan oomishaa tumsuun guddisuun akka barbaachisuu ibsaniiru.

Waggoota 10tti indaastiriiwwan oomishaa keessatti lammiilee miiliyoona 10’f carraa hojii uumuuf kan karoorfame yoo ta’u, galii Doolaaraa Biiliyoona 9 argachuufis karoorfamuu ibsaniiru.

Karoorichi akka milkaa’uuf faayinaansiin deeggaramuu akka qabu kan kaasaan Obbo Malaakuun, deeggarsi faayinaansii dameen indaastirichaa argachaa jirus %19 qofa ta’uu himaniiru.

Kana keessatti gaheen Baankii Misoomaa Ityoophiyaa %90 ta’uu ibsan.

Daabbileen faayinaansiis indaastiriiwwan oomishaa salphaatti liqii akkataa argachuu danda’anirratti hojmaata ammayyaa’aa diriirsuun damecha tumsuu fi dorgomtummaa isaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru.

Baankii Alergee fi Fichisiisaa Afrikaatti Hoji Gaggeessaan Afrikaa Bahaa Kuudaakuushee Maatarees, mootummaa Ityoophiyaa fi baankilee daldalaa waliin hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Keessumaa baankilee daldalaa waliin ta’uun hojii indaastiriiwwan oomishaa deeggaruu akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment