Imraan Kahaan hidhaan waggaa sadii itti murtaa’e

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa Duraanii Paakistaan Imraan Kahaan yakkaa malaammaltummaa raawwatan jedhamuun walqabatee hidhaan waggaa sadii itti murtaa’eera.

Manni murti biyyattii murtoo dabarsee hordofees Imraan Kahaan sadarkaa biyyattiitti mormiin akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessuu BBC’n gabaaseera.

Imraan Kahaan kennaawwan biiroo isaanii keessatti fudhatan gurguruun maallaqa argame beeksisuu dhabuurraan baleessaaniiru jedhamuun murtichi itti murtaa’eera.

Murtecha kan hinfudhanne ta’uu fi ol iyyannoo kan gaafatan ta’uu beeksisanillee guyyaa har’aa mana jireenyaa isaanii keessa qabamanii hidhamuun eerameera.

Kan umriin waggaa 70 Muummeen Ministiraa Duraanii Paakistaan Imraan Kaahaan bara Faranjootaa 2018 filannoo biyyattiitti gaggeeffame injifachuun kan filaman yoo ta’u, bara darbe waldhabdee waraana Paakistaan waliin umameen aangoorraa buufamuun kan yaadatamuudha.

Imraan Kahaan aangoorraa erga buufamanii booda himannaawwan 100 ol kan irratti dhiyaate yoo ta’u, himannaawwan dhiyaatanis hiikaa siyaasaa akka qaban ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment