Imireetoonni Araba Gamtoomanii lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa midhaan nyaataa Toonii 30 ergite

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Imireetoonni Araba Gamtoomanii lammiilee naannoo Tigraay deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa midhaan nyaataa Toonii 30 erguu ishee beeksiifte.
Deeggarsi namoomaa biyyattiin ergite daa’immanii fi haadholii naannoo Tigraay sababa waraanaan miidhaman kuma 5 fi 700 dabalatee lammiilee kuma 7 fi 100 fayyadamoo kan taasiisu ta’uu ibsameera.
Imireetoonni Araba Gamtoomanii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyattii Mahaammad Saaleem Al Raashiid ibsaniiru.
Imireetoonni Araba Gamtoomanii kana duras lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa barbaadaniif meeshaalee nyaataa deeggarsa taasiisuu ishee Galf Niwus gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment