Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf Doolaara biiliyoona 50 deeggarsaan laate

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf Doolaara biiliyoona 50 deeggarsaan laate.

Dhaabbatichi biyyoota vaayrasii koroonaan miidhaman tumsuuf Doolaara biiliyoona 50 deeggarsa akka taasisu beeksiseera.

Dhaabbatichi deeggarsa kan taasise dhukkubichi bakka itti uumame Chaayinaarraa ka’uun biyyoota 70 olitti tatamsa’uun walqabateeti.

Torbee qabanne kana keessa mootummoonni guutuu addunyaarratti argamanii fi giddugalli baankotaa vaayrasicha ittisuuf tarkaanfii fudhachaa jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsichi biyyoota sirni fayyaa isaanii dadhabaa ta’ee, akkasumas biyyoota galii giddu galeessaa qabanii fi hiyyeessa ta’anitti tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf kan ooludha jedhameera.

Daayreektarri olaantuun dhaabbatichaa Kiristaaliinaa Ji’orjiviiyaa yaada laataniin bara Faranjootaa 2020tti guddinni jiraatu waggaa darbe kan turerra gadi aanadha jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatun torbee qabanne kana keessa biyyoonni guddinarra jiran vaayrasicha ittisuu akka danda’aniif Baankiin Addunyaa Doolaara biiliyoona 12 deegarsa taasisuun isaa ni yaadatama.

Maddi:- BBC

 

Comments (0)
Add Comment