IMF walta’iinsa Itiyoophiyaa waliin qabu daran akka cimsu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Dhaabbanni maallaqaa Addunyaa (IMF) dhimmoota guddinaa fi misooma waaraarratti walta’iinsa Itiyoophiyaa waliin qabu daran cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Jilli Itiyoophiyaa Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen durfamu Daayrektara Olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Goorjiyaa waliin Waashingitan DC’tti mari’ateera.

Mariin isaaniis rifoormi diinagdee gaggeeffamaa jiruu fi walta’iinsa fuulduraarratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Waashingitanitti Embaasii Itiyoopiyaarraa argame ni mul’isa.

Maricharratti Obbo Ahimad Shideen akka jedhanitti, damee guddina diinagdee cimsuuf hojiilee gaggeeffamanirratti tumsi IMF olaanaa ta’uu ibsuun tumsa isaaf galateeffataniiru.

Fooyya’iinsa diinagdee hojiirra oolaa jiru ilaalchisuun ibsa taasisaniin diinagdee cimsuu, ammayyeessuu fi guddina hunda galeessa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbatan.

Kunis gara raawwiitti ce’uu ibsanii, hanqina damee Diinagdee Gooroo guutuuf akka ta’e kaasaniiru.

Fooyyessiin diiagdee Itiyoophiyaa bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu fi kanas IMF beekkamtii kennuun ibsameera.

Kunis milkaa’ina kanneen biroof fakkeenyaa ta’eedha jedhame.

Gama IMF’n baasiiwwan sirreeffamaa dabalatee tattaaffiiwwan jijjiiramaa Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoon akka jiru eerameera.

Maricharratti gama lameeniin dhimmoota guddinaa fi misooma waaraa Itiyoophiyaarratti walta’iinsa jiru daran cimsuuf waliigalteerra ga’amuun himameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment