IMF Moorookoof Liqii Doolaaraa biiliyoona 1.3 mijeesse

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) balaa kirkira lafaa mudateen walqabatee Moorookoof liqii Doolaara biliyoona 1.3 mijeessuun ibsame.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbatichaa Kiristaaliinaa Joorjiyeeva, dhaabbatichi Moorookoof deeggarsi liqii maallaqaa mijeesseef biyyattiin jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatee balaa hammataa keessaa akka baatuuf ni tumsa jedhameera.

Maallaqichi akka gadi lakkifamuuf, boordiin dhaabbatichaa walitti qabamuun deeggarsicha raggaasisuun akka hafe maddi oduu Turki Daily Sabah gabaaseera.

Moorookootti kirkira lafaa maaginiitiyuudii 6.8 galmeesseen lammiileen kuma 3 lubbuun isaanii darbuu fi kumaatamatti kanneen lakkaa’aman miidhaan irra gahuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment