IMF Itiyoophiyaaf liqii Doolaara biiliyoona 3.4 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)- Boordiin Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Itiyoophiyaaf (IMF) dhiyeessii liqii Doolaara biiliyoona 3.4 raggaasiseera.

Dhaabbatichi akka beeksisetti madaallii dinagdee gooroo furuu fi guddina damee dhuunfaan durfamu bu’uuressuuf ajandaa fooyya’iinsaa diinagdee gooroo mootummaan taasise raawwachiisuuf tajaajila dhiyeessii liqii waggoo afuriin dheerate raggaasiseera.

Haaluma kanaan Boordiin raawwachiisaa dhaabbatichaa Doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 1’tti dhiyaatu dafee akka gadi lakkifamu kan taasisu ta’uun eerameera.

Dhiyeessiin tajaajila liqaa waggoota afuriin dheerate kunis sagantaan diinagdee mootummaa, sochii damee dhuunfaa kan dadammaqsu, paakeejii imammataa hunda galeessaa akkasumas guddina hirmaachisaa fiduuf jecha diinagdee banaa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Maatiiwwan fooyya’iinsichaaf saaxilamoo ta’an irratti dhiibba jiraatu salphisuuf seeftineetiiwwan hawaasummaa cimsuun dhimma murteessaa sagantaa fooyya’iinsa mootummaa keessa tokko ta’uun eerameera.

Qabiyyeewwan Imaammata ijoo jedhamanis:

1. Walbuusuu fi hanqina sharafa alaa obsisuuf gara sharafa alaa gabaan murtaa’etti ce’uu.

2. Hammattoo imaammata maallaqaa ammayyeessuun qaala’iinsa gatii ittisuu

3. Maddeen faayinaansii biyya keessaa walitti qabuun baasiiwwan mootummaaf dursa kennan baasuu

4. Liqqeessitootaa alaa waliin waliigalteewwan idaa irra deebiin ilaaluu raawwachuu dabalatee itti fufiinsaan kaffaltii idaa deebisuu

5. Saaxilamummaa faayinaansii gooroo hir’isuuf mootummaan dandeetti mallaqaa interpiraayizootaa cimsuu’n

Sagantichi dhiyeesii maallaqaa dabalataa dhaabbilee tumsitootaa saffisiisuu akkasumaa adeemsarra kan jiru, idaa irra deebiin ilaaluun haala milkaa’een akka cimuuf hammattoo baasuuf kan tumsu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment