Imbaasiiwwanii fi Qoonsilaawwan Ityoophiyaa biyyoota adda addaatti argaman Ayyaana bara haaraa kabajan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2015 (FBC) – Imbaasiiwwanii fi Qoonsilaawwan Ityoophiyaa biyyoota adda addatti argaman Ayyaana bara haaraa haala hoo’aa ta’een kabajaniiru.

Qoonsilaa fi Imbaasiin Ityoophiyaa Jiddaa, Hindi, Sudaan Kibbaa, Jiibuutii, Moorookoo, Abuudaabii Faransaay, Room, Ingiliz, Kuweet, Biraasalsi, Naayijeeriyaa, Kooriyaa Kibbaa fi biyyoota biroo adda addaatti argaman ayyaana bara haaraa sirna hoo’aa ta’een kabajaniiru.

Dhaabbileen kunneen tokkummaa, birmadummaa fi kabaja Ityoophiyaaf murannoo qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru.

Lammiilee Ityoophiya keessaa fi alaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaaraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment