Imbaasiin Jarman  hoospitaala waliigaala ispeeshaalaayizdii humnoota waraanaaf meeshaalee yaala Yuuroo miiliyoona 1 oltti tilmaamaan deeggarsa taasise

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Imbaasiin Jarman  hoospitaala waliigaala ispeeshaalaayizdii humnoota waraanaaf meeshaalee yaala Yuuroo miiliyoona 1 olitti tilmaamaan deeggarsa taasiseera.

Itti gaafataman qajeelcha meeshaalee yaalaa fi qorichaa hospitaalichaa Birgaadeer Jeneraal Yilmaa Makwaniintee, deeggarsi taasifame tajaajila hospitaalichaaf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.

Itti gaafatamaan garee gorsaa teeknikaalaa raayyaa ittisa biyyaa Jarman Koroneel Andaaree Sikoofis , deeggarsi tasifamee gara fulaa duraatti akka itti fufuu ibsaniiru.

Kunis hariiroo biyyoota lamaanii ni cimsa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Comments (0)
Add Comment