Imbaasiin Ingiliz Indaastirii Oomishaa Ityoophiyaa deeggaruuf Ministeera Indaastirii waliin kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Imbaasiin Ingiliz Indaastirii Oomishaa Ityoophiyaa deeggaruuf Ministeera Indaastirii waliin kan hojjetu ta’uu ibseera.

Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabalii fi Daayrekatarri Misoomaa Imbaasichaa Paawul Waatars haala indaastirii oomishaa deeggaruun danda’amurrattii fi sosochii biyyaalessaa “Ityoophiyaan haa oomishtu” jedhurratti mari’achuu ibsameera.

Tattaaffii mootummaan damee indaastirii oomishaa deeggaruuf eegale tumsuuf kan hojjetan ta’uu  Paawul Waatars marichaan kaasaniiru.

Hojiilee indaastirii oomishaa deeggaruuf hojjetamaa jiran jajjabeessuu fi rakkoolee paarkiiwwan agroo indaastirii fi kanneen biroo furuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabal gamasaaniin, sosochii biyyaalessaa “Ityoophiyaan haa oomishtu” jedhu deeggaruun waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment