Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Imbaasii fi Waajjirri Qoonsilaa Ityoophiyaa Jiibuutiitti argaman qabiyyeen isaanii osoo hin jijjiirramin haala addaan haaromuufi jedhame.
Gamoowwan seenaa qabeeyyiin kunneen bara 1950 hanga 1996tti Imbaasii fi Waajjira Qoonsilaa ta’uun tajaajilaa turuu ibsameera.
Bifa addaan Haaromsuuf Jiibuutiitti Imbaasii Ityoophiyaa fi Korporeeshinii Hojiilee Ijaarsaa Ityoophiyaa gidduutti waliigalteen mallattaa’eera.
Jiibuutti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birihaanuu Tsaggaayee fi bakka bu’aa Korporeeshinii Hojiilee Ijaarsaa Ityoophiyaa Injiinar Yoonaas Ayyaalew waliigalticha mallatteessaniiru.
Jiibuutiitti daawwannaa hojii taasiisaa kan jiran Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon sirna waliigaltee mallatteessuu kanarratti argamuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.