Imaltoonni gara Ityoophiyaa dhufan marti guyyoota 14f tursa addaa galu

Finfinnee, Bitootessa 13, 2012 (FBC) – Imaltoonni gara Ityoophiyaa dhufan marti guyyoota 14f tursa addaa galu.

Hojiin kunis Wiixataa eegalee hojiirra kan oolu ta’a.

Ministeerri Fayyaa akka beeksisetti imaltoonni kanneen Hoteela Skaay Laayitii fi Hoteela Giyoonitti tursa ni galu.

Turtichis baasii imaltootatiin kan uwwifamu ta’a.

Diippiloomaatonni ammoo imbaasota biyyoota isaaniitti adda ba’umsa turu.

Imaltoonni tiraanziitiis amma imala isaanii itti aanutti Hoteela Skaay Laayit turu.

Eertiraatti namni tokko yeroo jalqabaatif vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’era.
Umriin isaa waggaa 39 yoo ta’u, Noorweeyii gara Eertiraa kan galedha.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment