Imalli Badhaadhinaa hoggantoota ga’umsa qaban horachuudha –MM FDRI Dooktar Abiy

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) –Imalli Badhaadhina hooggantoota ga’umsa qaban horachuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Dooktar Abiy, imalli badhaadhinaa keenya jijjiirama hiika qabu biyya keenyaaf fiduu bira darbee hoggantoota ga’umsa qaban horachuuf dhimmee hojjeta jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Hoggantoonni akka joobiraa isa fagoo ilaalan, kaayyoosaanii ijoorraa utuu hinmaqiin galmasaanii irratti xiyyeefachuun dhimmanii hojjechudhaan ashaaraasaanii keewwatanii egeree keenyaaf daandii agarsiisu.
 
Dooktar Abiy,Lammiileen dhimma qeenteerra mil’uu roga hundaaf dursa kennanii fi rakkoo olitti olbahanii furmaata maddisiisan qabeenya biyyaa qaaliidha jedhan.
 
Dargaggoonni ciccimoon gufuu fi hudhaa bira darbanii, kufanii ka’uu dandamachuudhaan injifannoo galmeessisan, mahaandisoota Ityoophiyaa yeroo dhufuuti jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Biyyi keenya isaaniin qabattee fiixee milkaa’inaa duubatti hindeebinerra ni geessi jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment