Imala Waggoota 30 Faanaa tattaaffii cimaan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)-Faanaan Miidiyaa Adda Duree Wiirtuu yaada heddummataa, yaadannoo kaleessaa, tattaaffii har’aan boru kan mil’atudha.

Dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa kan xiinxalu, waliigaltee biyyaalessaa kan uumuu fi riqichaa ta’ee kan tajaajilaa jiruudha.

Dhaggeeffachuu, dhaggeeffatamuu, dhimma abbaa dhimmaa irraa, abbaa dhimmaaf, guyyuu jijjiiramaa fi tattaaffii kan taasisu, guyyuu adeemsa fooyya’iinsaan waggoota kurnaan sadan darban miidiyaa tarkaanfate ta’uu hedduun ragaa bahu.

Waggoota 30 dura Sadaasa 12, 1987 guyyaa akka har’aa sagaleedhaan gara dhaggeeffattootaa kan qaari’e Faanaan har’i guyyaa yaadannoo hundeeffamaa isaati.

Bagaa ittiin nu ga’e baga geessan!

Raadiyoo Faanaa hanga Televiizhinii Faanaa, guddinni Miidiyaa Dijitaalaa walqixa tarkaanfachuun tamsaasa Poodkaastii Faanaarraa dhaabbata qaqqabeedha.

Walharkaa fuudhinsaa dhalootaa waggoota 30, fooyya’iinsa qabiyyee fi bifiyyee miidiyaa Itiyoophiyaa keessatti ashaara ifaa ofii isaa kan ka’ee fi kaa’aa jiruudha.

Itiyoophiyaa sabdaneettiif ammoo yaada heddummaataa keessummeessuu, abba sagalee hundaa fi miidiyaa ummataa ta’uun dirqama.

Duudha Itiyoophiyummaa ijaaruu, seenessiiwwan waloo cimsuun itti gaafatama olaanaa miidiyaaleerraa eegamuudha; Faanaan ammoo itti gaafatama kana ciminan bahachaa jira.

Faanaan Ajandaalee biyyaalessaa, Idil Addunyaa fi naannawaa madaalee keessummeessuun wiirtuu odeeffannooti; bashannanaatis.

Kaleessi isa xiqqaadha; boruun keenyaa garuu danuudha. Nuti isiniin tajaajilaa, dhiibba uumtummaa, dhaggeeffatamummaa, dursummaa fi dhaqqabummaa mirkaneessuun mul’ata galma keenyaati.

Nuti hedduudha; hedduus qabna. Akka biyyaatti qabeenya badhaane heddummina keenyaan milkaa’ina heddumminaaf akka ta’u odeeffannoo kennina, bu’aa qabeessummaaf ni sochoona, haala miidhagaa ta’een ni bashannansiisna. Barsiisuun ni hubachiisna.

Imala kana keessatti kaleessa waliin turre; hedduu isin galateeffanna; boriif nu haa bulchu jechaa biyya fooyyoftuu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu akka dhugoomu hundi keenyi tasgabbiin, waliif yaaduun, waldeeggaruu fi waliif qooduu barbaachisa waan ta’eef, nu waan qabnu hinsassatnu.

Yaadni keessan inni baratame tattaaffii fooyya’aaf waan nu jajjabeessuuf nu waliin akka imaltan hawwina.

Baga waggaa 30ffaa hundeeffaa Faanaan nu ga’e!

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment