Imala Gonfoo “Man of the Globe”

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Hojjaan akka birbirsaa yeroo sansakaa qixaa’e faanaa walmadaalee tarkaanfatu surraa gonfatee midhaginaa irraa calaqqisuun lafa kana miidhagsa.

Sababa malees “Man of the Globe” maqaa jedhamu hingonfannee Saadaam Qaasim.

Saadaam Qaasim Godina Arsii Lixaa, Aanaa Qoreetti argamtu, Shifaatti dhalate.

Har’a Dargaggeessa Ganna 24ti. Nama umrii xiqqaa mul’ata dheeraa qabuudha.

Moodeelli Idil Addunyaa Saadaam Qaasim, dizaayinii uffata aadaa dhiyeessuun agarsiisa bareedinaa irratti hirmaachuun dorgommii bareedina dhiiraa tokko jedhee eegale.

Barnoota Hoteelaa fi Moodeliingii kan barate Saadaam, marsariitii fi yuutuubii daawwachuun hojiilee isaa fooyyeffataa hanqinaa isaa guttataa, ogummaa isaa gabbifachuuf beekumsa kiyyeessaa itti fufe.

Moodeliingiin simboo, sansakaa qaamaa qajeelaa, ofitti amanamummaa fi waa ibsuu fi beeksisuudha jedha.

Yeroo jalqabaatiif “Ethiopian Next Top Model ” irratti dorgomuun , namoota 120 keessaa shanan adda duree ta’e.

Dorgommiin bareedina dhiiraa Itiyoophiyaatti kan hinbeekamne ta’us waggoota 5 as baratamaa dhufeera jedha Saadaam.

Saadaam, argisiisni aadaa hedduu isaa gammachisa. Aadaan inni keessatti guddatee fi eenyummaa isaa ammoo waltajjii burqaa gammachuu isaati.

Miidiyaa hawaasaa irratti qabeenya biyyaa isaa beeksisuun, ulaagaa dorgomaa idil addunyaa guutee biyyoota akka Eeshiyaa, Awurooppaa fi Filiiphiinsiitti dorgomeera.

Kanaanis Ardii Afrikaa bakka bu’uun badhaasa “Man of the Globe” jedhamu argateera.

Dorgommii kanarrattis moo’ataa hangafaa ta’uu danda’eera.

Addunyaatti biyya isaa beeksisuun “Mister Ethiopia” jedhamee beekkamtii argachuun Gonfoo bareedina dhiiraa kaawwate.

Dorgommicha irratti hirmaachuuf waggaa tokkoo oliif qophii taasisaa tuu kan eeru Saadaam, imalaa isa kana milkiin xumuruutti heeduu gammaada.

Iddoowwan hawwata turizimii madda galii biyyaa ta’an daran naannolee keessa naanna’uun addunyaatti beeksisuuf karooraa akka qabu kan akeeke Saadaam Qaasiim, yeroo ammaa dhuunfaa isaan ‘One Africa Fashion Week’ jedhuun hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hojiileen hangaa waltajjii addunyaatti hojjete kunis tattaaffii dhuunfaa isaan akka ta’e ibsuun, yeroo ammaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi dhaabbilee biyyaalessaa biroo waliin hojjechuu akka barbaadu dubbata.

Dargaggoonni dandeettii fi beekumsa qaban utuu hinqusatin biyya isaanii akka beeksisan ergaa dabarseera.

Jibiriil Huseeniin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment