Imala Badhaadhinaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dameen Albuudaa murteessaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad agarsiisa Teeknooloojii fi Albuudaa 2ffaa Galma Barkumeetti banan.

Itiyoophiyaan waggoota muraasa darban keessa qabeenya Albuudaa qabdu beekuuf hojii jajjabeessaa hojjetteen bu’aa dinqisaasaan argamuu Dooktar Abiy Sagantichaarratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya albuudaan badhaate ta’uu ishee ibsaniiru.

Biyyattiin Albuudota gatii olaanaa qaban qabaachuu ishee eeraniiru.

Imala Badhaadhinaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dameen albuudaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Agarsiisichi Sadaasa 14 -18,2016tti kan turu ta’uu eerameera.

Dhaabbileen 90 ol ta’an agarsiisicharratti ni hirmaatu jedhame.

Oomishaaleen Warqee, Dhagaa Cilee, Albuudoonni gatii olaanaa qabanii fi faayawwan garaagaraa, akkasumas Teeknooloojiin Indaastirii Simmintoo fi Sibiilaa agarsiisicharratti dhiyaachuu ibsameera

Kidist Abaatatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment