Imaanuu’eel Maakroon Libaanoos mootummaa haaraa akka hundeessitu gaafatan

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Faransaay Imaanuu’eel Maakroon Libaanoos mootummaa haaraa akka hundeessitu gaafatan.
 
Libaanoos Muummee Ministiraa haaraan muuduu isheen walqabatee biyyattiin saffisaan mootummaa haaraa akka hundeessitu Imaanuu’eel Maakroon gaafataniiru.
 
Musxaafaa Adiibis saffisaan mootummaa haaraa hundeessuuf waadaa galaniiruu.
 
Preezdaant Imaanu’eel Maakroon magaalaa Guddittii Libaanoos Beeruutiitti erga balaan dho’iinsaa mudatee yeroo lama daawwannaa taasisaniiru.
 
Imaanuu’eel Maakroon malaamaltuummaa biyyattiitti babal’ate dhaabsisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan dhiibbaa ni taasisu jedhamee eeggama.
 
Muudamni haaraan kun akka gaggeeffamu Imaanuu’eel Maakroon shoora olaanaa gummachaniiru jedhame.
 
Musxaafaa Adiib biyyattiin wayita rakkoo sharafaa, hojii dhabdummaa fi hiyyuummaan haalan dabaleetti gara aangootti dhufuun isaanii hojii manee hedduutu isaan eeggata jedhame.
 
Dhoo’iinsa kuufama Almuuniyeem Naayitireetii magaalattiitti mudateen lubbuun namoota 200 olii darbuun kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment