Imaammata Nageenya saayibarii biyyaalessaarratti mari’atame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2016 (FBC)-Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo wixinee “Imammata nageenya Saayibarii biyyaalessaa” irratti qaamolee garaagaraa waliin mari’ateera.

Maricharratti, dhaabbilee Waajjiraa Muummee Ministiraa, Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii, akkasumas Baankii Biyyaalessaa fi dhaabbileen biroon hirmaataniiru.

Waltajjichirratti Daayrektarri Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa, imaammanni nageenya saayibarii sochii dirree saayibariirratti mul’atu faana walqaixa kan tarkaanfatuu fi yericha kan madaalu akka ta’utti kan bocame ta’uu kaasaniiru.

Sababoota imaammanni nageenya saayibarii akka qophaa’u taasisan keessaa taateewwan daangaa ce’oo saayibarii ittisuu fi amala isaan jijijjiiramaa ta’uu, tarsiimoo dijitaalaa 2025 Itiyoophiyaaf nageenyi saayibarii daran dhimma murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Ministir Deetaan Dhimmoota Kaabinee Waajjira Muummee Ministiraa Obbo Tasfaayee Dhaabaan gama isaaniin, dhimmi nageenya saayibarii itti gaafatama qaamolee hundaa ta’uu fi kana mirkaneessuufis lammiileen, dameen dhuunfaa akkasumas qaamoleen dhimmichi ilaallatu itti gaaafatama isaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo nageenyaa saayibarii eegsisuu, sadarkaa biyyaalessaatti adda durummaa kennuu fi itti gaafatama fudhachuun hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment