Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Imaammata diinagdee Addaa Zoonii Afrikaarratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Woorkishooppiin Imaammata diinagdee Addaa Zoonii Afrikaarratti xiyyeeffatuu Paarkii Indaastirii Qilinxoottitti gaggeeffamaa kan jiru ta’uu ibsameera.
Woorkishooppichi qindoomina Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin, Dhaabbata Jarmanii Jii Aay Zedii fi Dhaabbata Gamtaa Afrikaan kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
Woorkishooppii kanarratti hooggantoonni olaanoo mootummaa argamuu himameera.
Woorkishooppicharratti waraqaaleen qorannoo garaagaraa kan dhiyaatanii fi mariin irratti gaggeeffamu ta’uu ragaan Komishinii Invastimentii Ityoophiyaarra argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.