Imaammata dhibee ittisuu fi fayyummaa mirkaneessuu bu’uureffate hojiirra oolchuun bu’aa jajjabeessan galmaa’uu himame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan imaammata dhibee ittisuu fi fayyummaa mirkaneessuu bu’uureffate hojiirra oolchaa jiraachuun dhibeewwan ittisuu fi to’achuurratti bu’aa jajjabeessan galmaa’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumuu dubbatan.

Proojektii tajaajila fayyaa sirna walhormaataa, koorniyaa fi karoora maatii namoota miiliyoona 22.6 ol fayyadamtootaa taasisuu qaamolee hojiirraa oolmaan dirree qorannoo gaggeeffameera.

Proojektichi deeggarsaa Doolaaraa ameerikaa Miiliyoona 3.4 Eejensii Walta’iinsa Idil Addunyaa Kooriyaarraa argameen kan hojjrra oolu yoo ta’u, Ityoophiyaa keessatti maatii bu’aa qabeessaa fi gammachuu qabuu horachuuf proojaktii marsaa lammaaffaan bara faranjootaa 2019-2024 hojiirra kan ooluudha jedhameera.

Ityoophiyaan waggoottan darbanitti imaammata fayyaa misoomsuu fi dhibee ittisuurratti bu’uureffate hojiirra oolchaa turuu fi dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin ta’iin ittisuu fi to’achuun, fayyaa hadholii fi daa’immanii fooyyessuun, hanga du’aatii fi dhukkubaa hir’isuun, fayyadamtoota tajaajila karoora maatii babal’isuu fi sagantaawwan ijoo fayyaarratti bu’aa jajjabeessaa fi qabatamaa galmeessisuu Dooktar Darajjee ibsaniiru.

Hojiirra oolmaan proojektii kanaa bu’aa qabeessummaa karoora tiraanisfoormeeshinii damee fayyaa 2ffaaf kan gargaaru ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Proojektichi fayyaa sirna wal hormaataa fi koorniyaarratti hubannoo fooyya’aan akka uumamu taasisuun hangi du’aatii hadholii fi maatiin karoora maatii hin fayyadamne akka hir’atu taasisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Hojiirra oolmaa proojektichaaf qaamoleen sadarkaan jiran tumsa akka taasisan gaafataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment