Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Imaammanni Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveeshinii fooyya’e hojiirra ooluu ibsame.
Imaammatichi galmoota ijoo fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa, carraa hojii uumuu, argannoo sharafa alaa, oomishtummaa biyyaalessaa guddisuu, qabeenya haaraa uumuufi hundagaleessummaa qabatee fooyya’uu eerameera.
Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Imaammata fooyya’e irratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Imaammatichi diinagdee ariifataa teeknooloojiin deeggarame ijaaruufi humna namaa gahaa fi leenji’e uumuuf yaadamee qophaa’uu dubbataniiru.
Imaammatichi bal’inaan dameewwan qorannoo fi misoomaa, ce’umsa misooma teeknooloojii, bulchiinsa beekumsaa, dorgomtummaa innooveeshinii fi intarpiraayizii, dhiyeessii maallaqaa, misooma naannawaafi aadaarratti hojjechuuf yaaduu Dooktar Ballaxaan eeruu ragaan ministeercharraa argame ni mul’sa.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.