Imaammanni rakkoolee gabaa beelladoota dhaabbii furuuf dandeessisu qophaa’e

Finfinnee, Muddee 24, 2014 (FBC) – Imaammanni rakkoolee gabaa beelladoota dhaabbii furuuf dandeessisu qophaa’eera.

Gabaa beelladoota dhaabbii irratti rakkoolee mul’atan furuuf kan dandeessisu imaammanni qophaa’uu, Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo beeksise.

Ministeerichi gabaa beelladoota dhaabbii fi baasii daldalaa irratti rakkoolee jiran irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Maricha irratti Ministeerri Qonnaa, Komiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa, Komiishinii Gumurukaa, Waldaa Ergitoota Beelladoota Dhaabbii fi dhaabbileen dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment