Imaammanni nageenya odeeffannoo tajaajila elektirooniksii mootummaa eegsisu qophaa’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Imaammanni nageenya odeeffannoo tajaajila elektirooniksii mootummaa eegsisu qophaa’aa jiraachuu ibsameera.

Imaammatichi tattaaffii tajaajilawwan mootummaa gama elektirooniksiin lammiileen ga’uuf taasifamu keessatti nageenya odeeffannoo eegsisuu fi dhaabbilee hunda keessatti haala walfakkaataa ta’een hojjirra oolchuu kan  dandeessisu ta’uu ibsameera.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii wixinee imaammatichaaf galtee dabalataa walitti qabuuf dhaabbilee mootummaa federaalaa, naannolee fi dhuunfaa waliin mariachaa jira.

Nageenyi odeeffannoo haalaan hogganamuu yoo baate gaaga’ama diinagdee, siyaasaa fi hawasummaa olaanaa waan qaqqabsiisuuf imaammatichi rakkoo kana furuu fi hojimata walfakkaataa diriirsuu kan dandeessisu ta’uu Minstir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii ibsaniiru.

Addunyaarratti haleellaa odeeffannoo dhaabbileerra ga’uun daqiiqaa tokkotti Doolaarri miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 9 kan dhabamu ta’uu fi imaammatichi Ityoophiyaan qophii kana madaalu akka taasistuuf kan ishee dandeessisu ta’uu eeruusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment