Imaammanni haqaa yakkaa FDRI Afaan Oromoo fi Afaan Tigriffaatti hiikkame maxxanfame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Imaammanni haqaa yakkaa FDRI Afaan Oromoo fi Afaan Tigriffaatti hiikkame maxxanfame.

Imaammanni haqaa yakkaa FDRI kanan dura Afaan Amaaraa fi Ingiliiffaan qofa ture dabalataan Afaan Oromoo fi Afaan Tigriffaatti hiikame maxxanfameera.

Imaammata haqa yakkaa hiikkame kun guyyaa har’aa sagantaan wal harkaa fuudhuu rawwatameera.

Sagantantichirratti Mana Murtii Olaanaa federaalaatti daayreektarrii daayrooktareetii wixiinessaa seeraa obbo Baalayihuun Yirgaa,Ittii anaan Abbaa Alangaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Taakkalaa Gosaa fi Ameerikaatti itti gaafatamaan Proojeektii Haqaa Ejansii Misooma Idila Addunyaa (USAID) argaamaniru.

Obbo Baalayihuun Imaammataa haqummaa yakkaa kana galmaan ga’uudhaf afaanoota naannoolee garaagaraatti hiikuun ga’ee guddaa akka taphaatu fi kitaabichi akka maxxanfamuuf Ameerikaattii Ejansiin Misooma Idila Addunyaa (USAID ) gargaarsa Birrii godheefis galateeffataniiru.

Comments (0)
Add Comment