Imaammanni dijitaalaa Ityoophiyaa dubartoota hammachuu akka danda’anitti qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Eebla 28, 2015(FBC)- Imaammanni dijitaalaa Ityoophiyaa dubartoota hammachuu akka danda’anitti qophaa’uu Qorannoon Biiroo Misooma Telekoominikeeshinii Gamtaa Telekoomii Idil Addunyaa ifoomsuu ibsame.

Imaammata dijitaalaa Ityoophiyaan dhiyeenya baasteen dubartootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu qorannichaan ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Huuriyaa Aliin, Ministeerri Innooveeshiniifi Teekinooloojii dirree dijitaalaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuufi fayyadamummaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Biiroo Misooma Telekoominikeeshinii Gamtaa Telekoomii Idil Addunyaa Dooktar Koosmoos Zaavaa Zaavaan, qorannichi yaadota akeekkii hirmaannaa dubartoonni dirree dijitaalaa keessatti qaban guddisuuf gargaaran kaa’uu eeruun, dhimmoota gara fuulduraaf kallattii kan eeru ta’uu ibsaniiru.

Ministeerichi qoqqoodiinsa koorniyaa, umrii, naannoo, ogummaa dijitaalaafi kanneen biroorratti mul’atan hambisuuf qaamolee dhimmatootaa garaagaraa waliin hojjechaa jiraachuus ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment