Imaammanni dameen daandii ittiin hogganamu qophaa’aa jira jedhame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Imaammanni dameen daandii ittiin hogganamu qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Ministeerichi wixinee imammataa fi labsii qopheesserratti mariin gaggeeffamaa jira.

Ministirri ministeerichaa Aadde Caaltuu Saanii, imaammanni qophaa’aa jiru rakkoolee daandiin walqabatanii mudatan ni fura jedhaniiru.

Damechi rakkoolee walxaxaa, gaaffii daandii, qabeenyaa uumame sirnaan fayyadamuu, ga’umsa kontiraaktarootaa biyya keessa fi gorsitootaa guddisuu, rakkoolee beenyaa kaffaluu, hanqina galteewwanii fi kan biroo furuuf imaammatichi ni tumsa jedhan.

Imaammannii fi labsiin daandii Ityoophiyaa jiraachuu dhabuun, damecha sirnaan fayyadamuu fi hogganuuf akka hindanda’amne ibsan.

Bara 1989 daandiin Ityoophiyaa kiloomeetira kuma 26 fi 500 turee amma gara kiiloo meetiraa kuma 160’tti guddachuu eerameera.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment