Iluu Abbaa Booritti oomisha Ruuzii kuntaala miiliyoona 7.1 argachuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Godina Iluu Abbaa Booritti oomisha misoomaa Ruuziitiin oomisha kuntaala miliyoona 7.1 argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Jilli Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Daarimuutti Ruuzii kilaastaraan misooma jiru daawwateera.

Bara kana inisheetiivi misooma Ruuziitiin lafa hektaara miliyoona tokkorratti misoomsuuf karoorfame keessa hanga ammatti lafa hektaara kuma 725 irra faca’uu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Bulchaan Godinichaa Obbo Indaalkachaw Tafarii bara kana misooma ruuzii aanaalee godinichaa keessatti babal’isuun ruuzii lafa hektaara kuma 125 irratti misoomsuuf karoorfamee, lafti hektaarri kuma 127 fi 573 irra karooraan oli faca’ee kunuunfamaa jiraachuus eeraniiru.

Akka godinichatti dargaggoota kuma 23 oliif carraan hojii uumamuun oomisha ruuzii kuntaala miliyoona 7.1 argachuuf hojjetama jiraachuun ibsamuu ragaan Biiroo Qonna Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment