Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Ilaalchonni fiinxaalessi fi daldalli siyaasaa Ityoophiyaa kan humna buusuu fi bittineessu farra tokkummaati jechuun Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu ibsan.
Dooktar Laggaasaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti tokkummaan sabdaneessummaa nageenya waaraaf Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanotaaf furmaata tokkicha jedhaniiru.
Ilaalchonni fiixeetti ba’aniifi daldalli siyaasaa Ityoophiyaa humna kan buusu qofa osoo hin taane biyyattii diiguu kan danda’u farra tokkummaati jedhan.
Ka’umsi rakkoolee bakkeewwan garaagaraatti uumamaa jiranii gantoota ergama Ityoophiyaa diiguu qabatanii socho’anii ta’uu addeessaniiru.
Sochii gocha badaa kana fashaleessuuf taasifamurratti uummanni akkuma kanaan duraa waliin dhaabbachuu qaba jechuun dhaamaniiru.
Yerichi tokkummaa sabdaneessummaan rakkoolee Ityoophiyaa kan itti hiiknu, tattaaffii hunda keenyaa kan barbaadu jedhan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.