Ilaalchi siyaasaa preezdantii Chaayinaa sirna barnootaa keessa galee kennamuufi jedhame

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Chaayinaan ilaalcha siyaasaa preezdantii biyyattii Shii Jinpiing sirna barnootaa keessa galchuun sadarkaa tokkoffaarraa eegalee akka kennamu taasiisuuf ta’uu beeksifte.
 
”Ilaalchi Shii Jiinpiing” ol-adeemoon hubannoo ilaalcha markisiist akka horatan gargaaraa jedhe Ministeerri Barnootaa Chaayinaa.
 
Ilaalchi(ideology ) kun sirna barnootaa keessa galee sadarkaa tokkoffaa hanga Yuunvarsiitiitti kennamuuf karoorfameera jedhame.
 
Qajeelfamni kun preezdant Shiin ilaalchi dhaaba siyaasaa isaanii Paartii Koministii Chaayinaa hidda akka fageeffatuuf duula godhan keessaa isa tokkoodha.” jedhameera.
 
Ministeerri Barnootaa biyyattii ibsa baaseen kaayyoon isaa dhaloota ”Soshaalizimii kunuunsanii fi itti fufsiisuuf gama maraan hamilee, beekumsaafi kanneen biroo…” qaban horachuuf gargaara jedheera.
 
Qajeelfamni barnootaa haaraan barnoota humnaa kan ”hojjettoota jabaa akka ta’an hamilee itti horu” dabalatee nageenya biyyaalessaas of keessaa qabaata.
 
Bara 2018 ‘tti qaamni olaanaan Chaayinaa ”ilaalcha Shii Jinpiin’g’ heera biyyaa keessa galcheera.
 
Ergasii ilaalchi kun dhaabbilee barnoota olaanoo fi manneen barnootaa keessatti akka sochii barnootaan alaatti kennamaa ture.
 
Maddi:-BBC
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment