Ikkoo Riizoortiin Gorgoraa aadaa fi qabeenyaa umamaa biyyaa eegee kan ijaarame naannawaa hawwataa ta’uun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)- Ikkoo Riizoortiin Gorgoraa aadaa fi qabeenyaa umamaa biyyaa eegee kan ijaaraame qabeenyaa tuuriizimii olaanaa fi naannawaa hawwataa ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Gargaaraa Barreessaa Olaanaa fi Qindeessaan Deeggarsa Namoomaa Dooktar Raamiiz Alaakibaaroov dubbatan.

Pirojektiin Ikkoo Rizoortii Gorgoraa xumuramuun Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kaleessa eebbifamuun ni yaadatama.

Sirnaa eebbicharratti kan argama Dooktar Raamiiz Alaakibaaroov ijaarsa pirojektichaa dinqisiifachuun, kunis ikkoo tuuriizimiif gumaacha olaanaa akka qabaatu himan.

Ikkoo Riizoortiin Gorgoraa kun quubsumaa naannawichaatti ida’amee aadaa fi qabeenya uumamaa eegee kan ijaaramee fi naannawaa hawwataa ta’uus kaasan.

Fuulduratti bakka hawwata tuuriizimii olaanaa waan ta’uuf tuuristoota hedduu hawwachuun qabeenyaa olaanaa kan uumu akka ta’e, aadaa biyyaa beeksisuu bira darbees damee tuuriizimiif bu’uura gaarii kan kaa’eedha jedhan.

Dabalataan misoomni tuuriizimii Itiyoophiyaa eegumsa naannawaa fi Ashaara Magariisaa kan bu’uureffate ta’uun dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu keessatti tattaaffii taasifamuuf gahee adda dure bahachaa jiraachuu himaniiru.

Daayrektarri Damee Ga’oomsa Dubartootaa fi Walqixxummaa Sirna Koorniyaa Dhaabbata Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii Oreeliyaa Paatiriiziyaa Kaalaabiroov gama isaaniin, bakkii fi quubsumni lafaa Piroejktiin Gorgoraa itti ijaaramee ajaa’ibsiisaa ta’uu himan.

Pirojektichi Haroo Xaanaan daangeffamee kan ijaarame ta’uun tuuristiin kamuu daawwachuuf kan hawwuu akka ta’e ibsan.

Tattaffii fi hordoffii Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kan ijaarame pirojektichi qabeenya biyyaa dhalootatti ce’u ta’uu eeran.

Keeniyaarraa kan dhufan Andiriwu Miboogorii ammoo akka jedhanitti riizoortichi kan nama boonsu pirojektii ajaa’ibsiisaadha jedhan.

Faallaa haroo xaanaan kan argamu, hawwattummaa olaana kan qabu, aadaa, seenaa fi naannawaa ammayyaa’aa daawwatamuu qabu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment