Ijoolleen 4 balaa xiyyaara kufee caccaberraa hafan guyyaa 40 booda lubbuun argaman

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) –Ijoolleen 4 balaa xiyyaara kufee caccaberraa hafan bosona guddicha addunyaa Amaazoon keessaa guyyaa 40 booda lubbuun argamuu dhaga’ameera.

Ijoolleen kunneen turtii isaanii torban shanii ol bosona biyya Kolombiyaa kana keessatti yeroo dabarsan waan isaanitti dhufe ofirraa ittisuun of baraaruullee danada’aniiru jedhame.

Daa’imman balaa dachaa kanarraa oolanii lubbuun argaman obbolaan yoo ta’an, umuriin isaanii waggaa 13, 9, 4 fi 1ti.

Haati ijoollee kanaafi balaliisaan xiyyaara salphaa kana lamaan Caamsaa 1 guyyaa balaan kun qaqqabe du’an.

Xiyyaarri Cessna 206 ta’e ijoolleen kunneeniifi haati isaanii ittiin imalaa turan osoo kufee hin caccabiin dura Araaraakuraa bakka jedhamu ona Amaazonaa keessa jirurraa ka’ee gara ‘San José del Guaviare’tti’ balali’aa ture jedhame.

Reeffi namoota sadii lubbuun isaanii darbee loltoota biyyattiittiin bakkuma xiyyaarri itti kufee argame.

Daa’imman kunneen garuu gargaarsa barbaacha bakka caccabaa xiyyaaraa sana irraa fagaataanii turuutu ibsame.

Miseensonni hawaasa ijoolleen kun keessaa dhalatanii ammoo beekumsa dhala mukaa isaan qaban carraa bal’aa akka isaani lubbuun hafan isaan gargaara jedhanii amanaa turan.

Daa’amman kunneenis guyyoota 40 booda lubbuun argamuun maatiitti makamuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment