Ijibti haasawaa itti gaafatamaa hinqabnee fi sodaachisarraa akka of qusattu Ityoophiyaan hubachiiste

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa Ityoophiyaa, hidhaa Haaromsaa ilaalchisuun “ Filmaanni hunduu banaadha” jechuun ibsa Ministirri Dhimma Alaa Ijibti kennan haasawaa itti gaafatmaa hinqabne jechuun fudhatama dhabsiise.

Ministeerichi ibsa baaseen Ijibti Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophyaa ilaalchisee Ityoophiyaaf Ibsa sodaachisa of keessaa qabu kenniteetti jedheera.

Kunis Chaartar Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi qajeelfamaa Gamtaa Afrikaa ifatti cabsuu akka ta’e beeksiseera.

Kun ammoo bara Faranjootaa Bitootessa 23, 2015 waliigaltee Hidha Haaromsaa, Ityoophiyaa, Sudanii fi Ijibti gidduutti mallatteeffame cabsuu akka ta’ee misteerichi ibsa baaseen eereera.

Kanaan walqabatee qaamoleen dhimmichi ilaallatu hunduu Ijibti dambii hariiroo Idil Addunyaa cabsaa jiraachuu hubachuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.

Sodaachisaa fi gochaa seeraan alaa raawwachuun fedhii ishee milkeessuu akka hindandeenye ministeerichi mirkaneesseera.

Ta’us, wal amantaa fi seeraa idil addunyaa haala kabajeen yoo ta’e, biyyoonni kunneen Gamtaa Afrikaa jalatti waliigalteerra ga’uun, akka danda’amu amantaa akka qabu ibseera.

Kanaan walqabatee ammallee hunduu injifataa akka ta’uu Ityoophiyaan ejjennoo qabaachuu akeekeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment