Ijaarsi Siidaa Hiikaa Awwaajii (Abbaa Gammachiis) fi Asteer Gannoo Magaalaa Naqamteetti eegalame

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC) – Ijaarsi Siidaa Oneesmoos Nasiib fi Asteer Gannoo Magaalaa Naqamteetti eegalameera.

Pireezidaantiin Waldaa Warra Wangeelaa Makkaana Yesuus Itiyoophiyaa Luba Yoonaas Yiggazuu fi Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Najiib Abbaa Raayyaa, Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Naqamtee Obbo Tamasgeen Mirreessaan bakka argamanitti ijaarsi siidichaa eegalameera.

Siidaan kun Siidaa tokkummaa ummata Oromoo argisiisu ta’uu Kantiibaa Itti Aanaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Tamasgeen Mirreessaan ibsaniiru.

Siidichis Birrii miiliyoona10’n Hawaasa Macaafa Oromoon ( Oromoo Bible society) kan ijaaramu ta’uu eerameera.

Galaana Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment