Ijaarsi Piroojektii Finnaa Gooyidar 80 qaqqaabuun ibsame

Finfinnee,Mudde 1, 2017 (FMC) – Ijaarsi Piroojektii Finnaa Gooyidar %80 qaqqaabuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Oromiyaa beeksise.

Pirokjektichi Godina Baalee Bahaa Aanaa Gindhiiritti hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Ijaarsi Piroojektichaas % 80 qaqqaabuu Hoji Gaggeessaan Piroojektichaa injiinar Milkeessa Warqinaan ibsaniiru.

Pirojektichi baasii Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 31’n ijaaramaa jiraachuus kaasaniiru.

Bishaan meetir kiyuubii miiliyoona 9 qabachuun lafa heektaara kuma 1fi 400 kan misoomsuu ta’uu himaniiru.

Piroojektichi hanga ammaatti bishaan meetirkiyuubii miiliyoona 3 qabachuun tajaajila bishaan dhugaatii kennaa jiraachuu dubbataniiru.

Piroojektii Finnaa Gooyidar hanga Amajjii bara 2017 xumuruuf hojjetamaa jiraachuu injiinar Milkeessaan eeraniiru.

Dassaalany Abarraatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment