Ijaarsi Piroojektii Daandii Aspaaltii Naqamtee – Buree irra deebiin eegalame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2016 (FBC) – Ijaarsi Piroojektii Daandii Aspaaltii Naqamtee – Buree irra deebiin eegalameera.

Hojii daandichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajila ummataaf oolchuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Daandifi Loojistiksii Godina Wallagga Bahaa Obbo Sanbatoo Imaanaan ibsaniiru.

Ijaarsi piroojektichaa kontiraaktaroota sadiif qoodamuun hojjetamaa jiraachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment