Ijaarsi piroojaktii misooma jallisii Gudar Birrii biiliyoona 3.3n gaggeeffama jira

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Komishinii Misooma Jallisiin Ijaarsi piroojaktii misooma jallisii Gudar baasii Birrii biiliyoona 3.3n gaggeeffama jira.
Piroojaktichi Bulchiinsa godina Shawaa Lixaatti aanaa Tokkee Kuttaayee fi naannawaa Amboo gandoota Sagalitti kutaa lamatti qoodamee ijaarsi isaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Ijaarsi piroojaktichaa waggaa sadiif kan turu yommuu ta’u, dandeettiin bishaan qabachuu hidhichaa meetiri kuubii miiliyoona 56 ta’uu himameera.
Dheerinni hidhichaa meetira 277 yoo ta’u, olka’insi isaa ammoo meetira 40.5 ta’uu eerameera.
Piroojaktichi wayita xumuramu qonnaan bultoota kuma 12 fi 137 jiraattoota aanaa Tokkee Kuttaayee fi naannawaa Amboo keessa jiraatan fayyadamoo ni taasisaa jedhameera.
Piroojaktichi ijaarsa awutarii jallisii ispiriinkilar lafa heektara 5 misoomsuu danda’aa.
Ijaarsi hidhichaa hanga ammaatti hawaasa naannichaa 387f carraa hojii uumuu ragaan daayrekatara kominikeeshinii ministeera Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii BIzuunah Tolchaa irraa arganne ni mul’isa.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment