Ijaarsi Pirojektii Jallisii Fantaallee Birrii biiliyoona 3.46’n eegaluufi

Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)-Ijaarsi Pirojektii Jallisii Fantaallee Birrii biiliyoona 3.46’n eegaluuf ta’uu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Waltajjiin marii eegalchiisa ijaarsa pirojektichaa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Birhaanuu Leenjisoon akka jedhanitti, pirojektichi yeroo qabame keessatti akka xumuramuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatuu fi hawaasni naannawichaa gahee irraa eegamu bahachuu qaba.

Pirojektichi wayita xumuramus lafa hektaaraa kuma 6 ol misoomsuu kan danda’u yoo ta’u, waggaa lama keessatti ijaaramee kan xumuramu ta’uun eerameera.

Pirojektiin jallisii kun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee fi Boosatitti kan ijaaramu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment