Ijaarsi Paarkii Shonkoree marsaan jalqabaa 2016 xumurama jedhame

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)- Pirojektiin bakka bashannanaa daa’immanii fi dargaggootaa Paarkii Shonkoree marsaan jaqabaa bara 2016’tti ni xumurama jedhame.

Magaalaa Jimmaatti ijaarsi Paarkii Shonkoree Birrii miiliyoona 200 barana eegalee %34 irra qaqqabuun himame.

Hojiileen dallaa fi kaaliin bishaanii raawwatamaa jiraachuun kan eerame yoo ta’u, hojiin miidhaginaa fi daandileen miilaa akka hojjatamuu Itti Gaafatamaan Mana Qopheessaa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar dubbataniiru.

Parkichi marsaa sadiin kan hojjatamu yoo ta’u marsaan jalqabaa hanga xumura bara 2016’tti akka xumuramu himaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa gama isaaniin pirojaktichi wayita xumuramu midhagina magaalichaa dabaluun cinaatti dargaggootaaf carraa hojii akka uumu dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment