Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen Addabaabayii Masqalaatti aanee isa 2ffaa kan ta’e ijaarsa Addababayii Lammii Kuraa eegalchiisan.
Aadde Adaanchi Addabaabayii ummataa tokko qofa kan ture Addabaabayii masqalaatti aanee addabaabayii guddaa isa 2ffaa Birrii biiliyoona 1.3n ijaarramu kutaa magaalaa Lammii Kuraatti eegalchiisaniiru.
lafa Kaaree Meetira kuma 14 fi 400 irratti kan ijaarramu ta’uu ibsameera.
Piroojektoota garaagaraa hojjechuuf hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu Kantibaan Magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.
Baasiin ijaarsa Paarkii Lammiis Mootummaa fi Abbootii qabeenyaa dhuunfaan kan uwwifamu ta’uu himaniiru.
Ijaarsa isaa baatiiwwan 18 gaafatu halkaniif guyyaa hojjechuun baatiwwan 10 keessatti xumuruuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta’uu Aadde Adaanachi ibsaniiru.
Ijaarsi Paarkichaa lammiilee kuma 1 fi 100f carraa hojii kan uumu yoo ta’u, namoota 400f carraa hojii dhaabbii kan uumu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan kutaa magaalichaa Obbo Xilahuun Roobaan ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.