Ijaarsi Paarkii Ikoo Harar %86 gahuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)- Naannoo Harariitti galii kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa argameen ijaaramaa kan jiru Paarkiin Ikoo Harar %86 gahuu Biiroon Aadaa, Hambaa fi Tuuriziimii Naannichaa beeksise.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad naannichatti galii kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa argamuun Paarkii Ikoo iddoo Agarsiisaa fi Nyaachisa Waraabessaa akka ijaaramuuf kallattii kaa’uun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Naannichatti iddoo Agarsiisaa fi Nyaachisa Waraabessaa misoomsuuf Paarkiin Ikoo Harar Birrii miiliyoona 140 oliin ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

Galii kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa argameen lafa heektaara 2 irratti ijaaramaa kan jiru paarkichi yeroo ammaa ijaarsi isaa %86’rraa ga’uu biirichi eerameera.

Paarkichi, iddoo agarsiisaa fi nyaachisa Waraabessaa, Gola Hambaa, Mana Kitaabaa, Mana Nyaata Aadaa fi Kutaalee adda addaa tuuristootaaf mijatoo kan qabudha.

Paarkiin Ikoo kun hawwattummaa turiziimii naannichaa daran dabaluun guddina diinagdee biyyaaf gahee olaanaa akka gumaachu eerameera.

Adeemsa ijaarsa Paarkichaan lammiilee 100’f carraan hojii umamuun ibsameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment