Ijaarsi Manneen Walitti hidhamoo kuma 10 yeroo gabaabaatti xumuramuun jiraattotaaf ni darbu jedhame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Ijaarsa Manneen Walitti hidhamoo kuma10 yeroo gabaabaatti xumuruun jiraattotaaf dabarsuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa beeksiise.
Baayy’inni Ummata magaalaa Finfinnee daraan dabalaa dhufuu hordofee rakkoon mana jireenyaa babal’achaa jiraachuu Ministeerichi beeksiseera.
Rakkoolee kanneen furuuf mootummaan hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu himeera.
Fedhii mana jireenyaa jiraattootaa guutuuf ijaarsi Manneen Walitti Hidhamoon gaggeeffamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa obbo Heenoos Warquun ibsaniiru.
Obbo Heenoos kana dura Proojektoonni manneen waliin jireenyaa 40/60, 20/80 fi 10/90 gaggeeffamaa turuu eeruun, fedhii fi dandeettiin proojektoota kanneenii kan wal hin madaalle ta’uu himaniiru.
Bara kana Manneen waliin jireenyaa kumni 68 ijaarsi isaanii xumuramuun fayyadamtootaaf darbuu fi Manneen kumni 4 ammoo ijaarramaa jiraachuu dubbataniiru.
Marsaa jalqabaan ijaarsa manneen walitti hidhamoo kuma 5 waggaa tokko keessatti xumuruun fayyadamtootaaf dabarsuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment