Ijaarsi madda anniisaa aduu Gaambeellaa %74rra ga’e

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Ijaarsi madda anniisaa aduu Gaambeellaa %74rra ga’e.
 
Proojaktichi Doolaara Ameerikaa kuma dhibba 4 fi kuma 25 ijaarramaa jira.
 
Proojaktichi naannoo Gaambeellaa magaalaa Ingoogiitti ijaarramaa kan jiru yoo ta’u, hojiin isaas %74rra ga’uu Tajaajilli Elektiriikaa Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Maddi anniisaa kun lafa kaaree meetira 5,950 irratti ijaarramaa jira.
 
Proojaktichi baasii Doolaara Ameerikaa kuma dhibba 4 fi kuma 25 ol gaafata.
 
Diriirsa sarara jiddugaleessaa dhaabbanni Chaayinaa “CET & NR Consotrium” jedhamu hojjechaa kan jiru yoo ta’u, amma ammaattis kan kiilo meetira 5.9 hojjeteera.
 
Ijaarsisaa yoo xumuramu anniisaa kiilowaatii 175 maddisiisuu danda’a.
 
Ijaarsichis baatii tokkoon booda xumuramee tajaajila laachuu ni eegala.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment