Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC)- Ijaarsi Horpitaala Rifeeraalaa Waliigalaa Boolee baasii Birrii Biiliyoona 2’n eegale erga addaan citee waggoota 4 lakkoofsisuu Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet daawwannaa taasiseen mirkaneesseera.
Naannawaa ijaarsi hospitaalichaa gaggeeffamaa jirutti daawwannaa taasiseen yeroo ammaa sibiilonni ijaarsa hospitaalichaaf oolaan daanda’uun qisaasamaaf saaxilamuu taajjabuu danda’eera.
Dabalataan yeroositti walharkaa fuudhiinsi lafaa hospitaalichaa waliigaltee seera qabeessan kan hinqabamne ta’uu ragaan mirkaneeffateera.
Pirojektichi bara 2009 Eejensii Haaromsa Magaalaa Fi Misoomaa Lafaa duraanii fi Hoggantoota Biiroo Fayyaa Finfinnee gidduutti walharkaa fuudhiinsi lafa hektaara 3.98 taasifamuu ragaan argame ni mul’isa.
Dursaan Garee Dabarsa Lafa Misoomaa Waajjira Baankii fi Dabarsa Lafaa Finfinnee Obbo Habtaamuu Tasfaayee, yeroositti waliigaltee seera qabeessan utuu hinqabamiin, “Murtee Siyaasaa” maqaa jedhuun hoggantoota gidduutti qofaa walharkaa fuudhiinsi taasifamuu beeksisaniiru.
Walharkaa fuudhiinsicha boodas, ijaarsi Hospitaalichaa bara 2009 eegalee addaan cituu eeraniiru.
Erga ijaarsi isaa addaan citee jechuunis jijjiiramaan booda Waxabajjii 25, 2015 waa’ee qabiyyee isaa Bulchiinsi Magaalichaa gaafatmuun dhimmicharratti ragaa Guutuu akka hinqabne deebiin kennamuu eeruun, waliigaltichaan ijaarsicharratti murtee kenname dabalatee odeeffannoon barbaachisaa akka kennamuuf xalayaan deeggarsaa mallattoo Hogganaa Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaan ba’ee gaafatamu ragaan FBC’n argate ni mul’isa.
Yeroositti dhaabbanni konistiraakshinii ijaarsichaaf waliigale ijaarsa addaan kutuun biyya alaa ba’uu Dooktar Yohaannis Caalaan dubbataniiru.
Dhaabbata ijaarsichaa adeemsi seeraan gaafachuu jiraachuu eeranii, yeroo amma Waajjirri Pirojektii Meeggaa qorannoo fi hojii adda baasuu gaggeessuun ijaarsaaf caalbaasii baasuuf Bulchiinsi Magaalaa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Taarik Addunyaatu Gabaase
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.