Ijaarsi haaromsa Jibuutiitti Imbaasii Ityoophiyaa duraanii xumuramuun eebbifame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Ijaarsi haaromsa Jibuutiitti Imbaasii Ityoophiyaa duraanii xumuramuun eebbifameera.

Sirni eebba imbaasicha bakka Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, anga’oonni mootummaa olaanoonii fi Jibuutiitti hoggantoonni dhaabbilee Ityoophiyaa argamanitti gaggeeffamuu ibsameera.

Misiyoononni haaromsaa fi ijaarsarra jiran Imbaasii Ityoophiyaa Jibuutiitti argamurraa muuxannoo fudhachuu akka  qaban Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ibsaniiru.

Imbaasichi bara 1952 hanga 1997tti akka waajjira imbaasii fi mana jireenyaa hogganaa miisiyoonatti tajaajiluu fi miisiyoonichi gara  gamoo haaraa ijaarametti jijjiiramuu  hordofee waggoottan dheeraaf tajaajila malee cufamee turuu eerameera.

Akkaataa waliigaltee miisiyoonichi korporeeshinii hojiilee ijaarsa Ityoophiyaa waliin bara 2013 mallatteesseen haaromsi imbaasichaa eegaluu ibsameera.

Haaromsi imbaasichaa faayidaa diinagdee kennuun cinaatti maqaa gaarii Ityoophiyaa ijaaruu keessatti ga’ee olaanaa kan qabu ta’uu eerameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment