Ijaarsi Giddugala Hoggansa Yuunivarsitii Poolisii Ityoophiyaa jalqabsiifame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC)- Ijaarsi Giddugala Hoggansa Yuunivarsitii Poolisii Ityoophiyaa Magaalaa Sandaafaa bakkeetti eegalchiifame.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uurratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’el dabalatee, qondaaltonni biroon argamaniiru.

Pirojektichi, hoggansa gaggeessummaa leenjii poolisimmaa, kan biyyoota Afrikaa garaagaraarraa dhufanii itti leenji’an ta’uun ibsameera.

Gamoon ijaaramu abbaa darbii ja’aa yoo ta’u, bakka bultii leenjitootaa, kaafteeriyaa, jiminaaziyamii kan qabu fi baasii Birrii biiliyoona 2.8 oliin kan ijaaramu ta’uun eerameera.

Dabalataan, adeemsi ijaarsa Inistitiyuutii Fooransiikii daawwatameera.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment