Ijaarsi Giddugala Dagaagina Ogummaa fi Haaromsa dubartootaa xumuramaa jira-Aadde Adaanech

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC)-Ijaarsi Giddugalaa Dagaagina Ogummaa fi Haaromsa dubartoota baatiiwwan kudhan dura eegalame xumurama jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
 
Sadarka giddugalichi irraa jiru gamaaggamuu Aadde Adaanech toora miidiya hawaasummaa isaaniin eeraniiru.
 
Shamarran rakkoolee hawaasummaa garaagaraaf saaxilamaniif leenjii haromsaa kennuuf giddugalli dagaagina ogummaa ijaaramaa jiraachuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
 
Giddugalichi waggaa waggaan shamarraan kuma 10’f leenjii kennuuf, waarinaan akka of danda’an taasisuu fi galii mataa isaanii akka argataniif kan deeggaru ta’uun dubbtaniiru.
 
Giddugalichi, giddugala leenjii, tajaajila gorsaa, giddugala wal’aansaa, bakka bultii, giddugala nyaataa, giddugala shakkala ispoortii fi bakka bashannanaa kan of keessatti qabate ta’uun ibsameera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment